Koollejjiin Saayinsii Fayyaa Hararii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Koollejjiin Saayinsii Fayyaa Hararii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 183 eebbisiiseera.

Pireezidaantii Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii dabalatee hoggantoonni mootummaa biroo fi maatiin eebbifamtootaa sirna eebbichaarratti argamaniiru.

Barattoonni har’a eebbifaman namuusa ogummaa eeguun hawaasa isaanii haqummaa fi amanamummaan akka tajaajilan Obbo Ordiin Badiriin ergaa dabarsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

Eebbifamtoota keessaa 86 dubartoota ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment