Koollejjiin Poolisii Oromiyaa Komishiinii Poolisii Oromiyaa waliin qindaa’uun qondaaltota yeroo turmaataa xumuraniif beekkamtii kenne

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) – Koollejjiin Poolisii Oromiyaa Komishiinii Poolisii Naannoo Oromiyaa waliin qindaa’uun qondaaltota yeroo turmaataa xumuraniif beekkamtii kenne.

Komaandaroota yeroo dheeraaf tajaajilaa turaniif gara gaaraaf Komishiinaraatti guddataniif beekkamtiin keennamaa jira.

Miseensota Poolisii Oromiyaa naannicha keessatti nageenya amanisiisaa galmeessuuf hojii abdachiisaa hojjachaa turaniifis gulantaan guddinaa ariifachiisaan bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa,akasumaas qondaaltoonni sadarkaa federaalaafi naannoo argamatti kennamaa jira.

Koomishinarri komishiinii poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa, qondaaltoota yeroo turmaataa isaanii xumuranii gulantaa itti aanuuf qophaa’aniif beekkamtiin kennamu jajjabeessituu hojii isaaniti jedhaniiru.

Komishiiniin poolisii Oromiyaa nageenya amansiisaa itti fufsiisuuf karaa loogii irraa bilisa ta’een hojjachaa jiras jedhaniiru.

Bara 2012 keessatti poolisii dandeettii fi gahumsa qaban leenjisuun rakkoo nageenya biyya keessaafi alaa too’achuuf hojii boonsaa hojjateera jedhan.

Akka gabaasa OBNtti gochoota seeran alaa naannicha keessatti raawwataman kamiiyyuu too’achuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Komishiiniin Poolisii Oromiyaa cimee kan hojjatu ta’uus komishiinar Araarsaa Mardaasaa dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment