Koollejjiin Fayyaa Hospitaala Barkumee Qudduus Phaawuloos barattoota ogummaa yaala fayyaa barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) – Koollejjiin Fayyaa Hospitaala Barkumee Qudduus Phaawuloos barattoota ogummaa yaala fayyaa Dooktoreetiin barsiisaa ture 583 eebbisiiseera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Ministir Deetaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa biroon argamaniiru.

Dooktoroonni kunneen ogummaa Sab Ispeeshaalitii, Ispeeshaalitii Narsiingii, Paablik Helzii fi dameewwan biroo kan baratan ta’uu eerameera.

Eebbifamtoota keessaa 185 dubartoota ta’uu ibsameera.

Eebbifamtoota keessaa 151 qormaata ba’umsaa biyyaleessaa qabxii olaanaa kan galmeessan ta’uu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment