Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barattoota saayinsii fayyaa 132 eebbisiise 

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)- Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barattoota saayinsii fayyaan barsiisa ture 132 eebbisiiseera.

Barattoota Kanneen keessaa 22 digrii doktereetii  jalqaban kan eebbifaman ta’uu ibsameera.

Eebbifamtoota keessaa 52 dubartoota ta’uus eerameera.

Pireezidaantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Ubaahi Adam, Koolleejjichi bara 2004 irraa eegalee hanga ammaatti ogeeyyii fayyaa 561 eebbisiisuu yaadachiisaniiru.

Sagaantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ministeer Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, ogeessonni fayyaa hawaasaaf dursa kan kennan ta’uu eeruun, hawaasni eebbifamtootarraa waan baayyee waan eeguuf ofqopheessuu qabdu jedhan.

Yaasin Shamsuddintu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia #DirreeDawaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment