Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Harar barattoota 1075 eebbise

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Harar Marsaa 27ffaan  barattoota kuma 1fi 75 eebbiseera.

Koolleejjichi barattoota ogummaa Fayyaa addaa addaan barsiisaa ture bakka anga’oonni  mootummaa naannichaa fi federaalaa argamanitti eebbiseera.

Pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii sagantaa eebbaa kanarratti argamuun haasawaa taasisaniin, gammachuun keessaan har’aa kun dadhabbii yeroo dheeraa booda kan argameedha, kun immoo akkanumaan osoo hin taane Uummataa rakkoo keessa ta’ee guyyaa kanaaf sin gahe dadhabbii fi loogii tokkoon alatti akka tajaajiltan isin taasisuu qaba jedhan.

Diiniin Koolleejjichaa Obbo Abdusamad Mahaammed gamasaaniin, guyyaa Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee Kabajamaa jirutti eebbifamuun isaanii guyyaa gammachuu dachaa qabateefi dhufe ta’uu ibsuun, eebbifamtootaan baga gammaddan jedhaniiru.

Hoggannaan Biiroo Fayyaa Naannoo Hararii Obbo Yaasiin Abdullaahiin, ogummaa argataniin hawaasaa keessa baatan nuffii tokko malee akka tajaajiltan abdiin qaba jedhan.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment