Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa Humna Poolisii waggoota lamaaf leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 1, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa Humna Poolisii Waggoota lamaaf leenjisaa ture eebbisiseera.

Sirna eebbichaarratti haasawaa kan taasisaan daayreektarri olaanaa koolleejjiicha gargaaraan komishinaraa Tolchaa Magarsaa, yeroon amma keessaa jirru humna nama baratee barbaadu keessaa humni poolisii isa tokko tahu himaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti keessummaa kabajaa tahun hogganaan mana hojii abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii koolleejjiicha obbo Huseen Husmaan argamaniiru.

Koolleejjiin poolisii Oromiyaa marsaa 2ffaan digrii ittisa yakkaan barattoota 11, marsaa jalqabaa dippiloomaa qorannoo yakkaan barattoota 40 eebbisiisera.

Sirna eebbichaarratti hoggansa Yuunvarsitii saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa dabalatee hoggantoonni mana hojii mootummaa sadarkaa garaagaraa argamaniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment