Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Koolleejjiin Poolisii naannoo Soomaalee leenjitoota marsaa 12ffaan leenjisaa ture 800 guyyaa har’aa eebbisiisera.
Sirna eebbichaarratti itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii jiraattootaa eeguuf mootummaan naannoo Soomaalee murannoon hojjechaa jiraachuu obbo Musxafeen ibsaniiru.
Poolisoonnis ogummaa barataniin nageenya ummata isaanii eeguuf itti gaafatamummaa qabu jedhan.
Nageenya naannichaa caalmaatti cimsuuf yeroo itti aanus leenjitoonni kumni 1 ol ni eebbifamu jedhame.
Nageenya naannoo Soomaalee itti fufiinsaan mirkaneessuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa Dooktar Huseen Haash ibsaniiru.
Qaamolee nageenyarratti jijjiirrama hojjetameen bu’aa gaariin argamuu miidiyaan naannichaa ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.