Koolleejjiin Faarmaa Damee Shaashamannee barattootaa 768 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Koolleejjiin Faarmaa Damee Shaashamannee barattootaa ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 768 eebbisiiseera.

Kolleejjichi barattoota diigrii jalqabaatiin faarmaasii, naarsiingii, akkawuuntiingii fi faayiinaansii fi manaajiimeentii akkasumaas sadarkaa TVET barsiisaa ture eebbisiiseera.

Kolleejjichi qorumsaa COC qopheessuun gahumsaa barattootaas kan madaaluu ta’uu Diiniin kolleejichaa obbo Mitiikkuu Difiraash dubbataaniiru.

Abbaan qabeenyaa fi pireezidaantiin kolleejjii Faarmaa obbo Siyyuum Kabadaan, barattoota qabxii olaanaa galmeessan badhaasuun ogummaa barataaniin hawaasa isaanii haqummaa fi amanamumman akka tajaajiilaan gaafataniiru.

Kolleejjichii barattotaa harkaa qalleeyyii 50 ta’an bilisaan barsiisuun eebbisuu ibsameera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment