Koolleejjiin barnoota barsiisota Yaaballoo barsiistota muummee 4 barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Koolleejjiin barnoota barsiisota Yaaballoo yeroo jalqabaatiif barsiistota muummee 4 simatee barsiisaa ture eebbiseera.

Koolleejjiin Barnoota Barsiistota Yaaballoo bara 2011 irraa eegalee hojii baruu fi barsiisuu kan eegale yoo ta’u, barsiisotaa 79 muummee 4’n leenjisaa ture har’a eebbiseera.

Ogummaa barataniin haawaasa isaanii akka tajaajilaan Diiniin Kolleejjichaa obbo Galgaloo Liiban dhaaman.

Eebbifamtoonni kunneeniis ogummaa barataniin lammii boru biyya kanaaf ta’u qaruuf qophaa’ummaa qabaachuu dubbataniiru.

Sirna eebbichaarratti walitti qabaan boordii kolleejjichaa fi Preezedaantiin Yuunvarsiitii Booranaa Doorktar Bokkuu Xachee, Bulchaan Godina Booranaa obbo Guyyoo Galgaloo fI jaarsooliin biyyaa argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment