Koolleejjii BLTO Finfinnee barattoota leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2015 (FBC)-Koolleejjiin Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaan Finfinnee Ogummaa garaagaraan barattoota leenjisaa ture Kuma 6 fi 244 eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni olaanoo magaalattii biroon argamaniiru.

Aadde Adaanech sirna eebbichaarratti haasawaa taasisaniin, kaayyoon Barnootaa Leenjii Teekionikaa fi Ogummaa humna namaa ga’umsaa qabuu fi hojii uumuuf qophaa’e horachuudha jedhan.

Eebbifamtoonnis, barnoota leenji’aniin ogummaa gonfatan, hubannaa fi naamusaan hojii uumuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, tajaajila dorgomaa ta’e dhiyeessuun imala isaanii bu’aa qabeessa akka taasisan amantaa qaban eeraniiru.

Dabalataanis, eebbifamtoonni damee ogummaa leenji’anirratti bobba’uun, oomishaa fi omishtummaa guddisuun teeknooloojiiwwan haaraa ceesisuu akka qaban ibsaniiru.

Dabalataanis,indaastirichaa biyya keessaa fi alatti dorgomaa taasisuun, diinagdee Ityoophiyaa akka dagaagsan abdatamuu himaniiru.

Eebbiifamtoonni ofii isaaniirraa darbanii kanneen biroof carraa hojii akka uuman, oomisha qulqullinaa fi dorgomaa ta’e, biyya kan boonsu akkasumas lammiilee tattaafatan akka ra’aniif cimanii akka hojjetan aadde adaanech imaanaa jedhaniiru.

Eebbifamtoota barnootaa isaaniin qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaa fi beekkamtiis kennaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment