Koolleejjichi teekinooloojii babal’isuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Koolleejjiin BLTO Qonnaa Agaarfaa qonnaa ammayyeessuu fi teekinooloojii babal’isuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf xiyyeeffanaan hojjechaa jiraachuu beeksise.
Koolleejjichi qonnaan bultoota naannawichaa 300’f sanyii midhaanii fi beeyladoota fooyya’oo deeggarsaan kenneera.
Diiniin Kolleejjii BLTO Qonna Agaarfaa Dooktar Caalaa Fayyeeraa, koolleejjichi adeemsa baruu fi barsiisuun cinaatti, proojektii rakkoolee hawaasaa furan qorachuun, oomishaa fi omishtummaa hawaasa naannawichaa dabaluuf, xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan.
Rakkoolee diinagdee fi hawaasummaa hawaasa naannawaa hiikuuf bu’aalee ce’uumsa teekinooloojii madaqsuu fi babal’isuun, qorannoo gaggeesse hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment