Konveenshiniin hariiroo qorannoo, teeknooloojii fi indaastirii barnoota olaanoo jalqabaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Konveenshiniin hariiroo qorannoo, teeknooloojii fi indaastirii Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Koonveeshinichis mata duree ‘beekumsaa hoggansa diinagdee’ jedhuun gaggeeffamaa kan jiru.

Koonveeshinichi har’arra eegalee guyyoota 4f kan gaggeeffamuu yoo ta’u, hojiiwwan kalaqaa fi qorannoo jajjabeessuuf beekkamtii laachuun hariiroo uumuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsameera.

Waltajichaarratti yuunvarasitiwwan dhuunfaa fi mootummaa, dhaabbileen teeknooloojii fi qorannoo 57, dhaabbileen ogummaa fi teeknikaa 51, dargaggoonni saayintistii, hoggantoonni indaastirii, abbootii qabeenyaa fi invaastaroonni olaanoon argamaniiru.

Dabalataanis hoggantoonni teeknooloojii, hoggantoonni baankii fi inshuraansii, qaamooleen imaammataa baasaan akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnoota olaanoorra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment