Kontiroobaandii ittisuuf hojmaata qindaa’aa hojiirra ooleen bu’aa gaariin galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuuf hojmaata dhaabbileen 5 qindoominaan hojiirra oolchuu eegalaniin bu’aa gaariin galmaa’uu ibsameera.

Kontiroobaandiin daldalli alaa dorgomaa akka hin taane dhiibbaa kan uumu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Nageenyaa fi tasgabbii biyyaa balaarra kan buusuu meeshaaleen waraanaa bal’inaan kan daddarbu daldala Kontiroobaandiin ta’uu kaasaniiru.

Gochicha ittisuuf hojmaanni dhaabbileen shan qindoominaan hojiirra oolchaan bu’aa argamsiisuu dubbataniiru.

Hojmaanni qindoomaan kun galmeewwan himannaa waggootaaf harkifataa turaniif furmaata laachuu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaan ibsaniiru.

Yakkamtoota to’annaa seeraa jala oolchuuf hojmaanni qindaa’aa fi cimaa ta’e uumamuu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataan dubbataniiru.
Almaaz Makonniintugabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment