Kontirobaandii midhaanii qindoominaan ittifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii midhaan irratti mul’atu qindoominaan ittifamaa jiraachuun ibsame.

Biiroon Daldalaa Oromiyaa fi Eejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Daldalootaa seeraan alaa midhaanii, keessumaa omisha qamadiirratti mul’atan qindoominaan ittisaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Jambaruu Abbabaan ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif kennaniin, hojiin ittisa daldala seeraan alaa midhaaniirratti, qaamolee qooda fudhattoota waliin hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan qamadii gabaa alaaf dhiyeessuuf karoora qabaachuun walqabatee ilaalchi dogoggoraan ‘oomishni hundi alatti ergama’ jedhamuun, dorgommiin hinmallee umamuu fi gatii olkaasanii bituun akka jiru eeraniiru.

Kana to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Daldalaan eeyyamaa bakka bakkaa socho’uu utuu hinqabaatin socho’uurraan, adeemsichi kontirobaandii midhaaniif ulaa saaquu komii kaaseen, waraqaa malee socho’uun akka hindanda’me kan kaa’amee ture kaafamuu himaniiru.

Yeroo ammaas oomishi qamadii gabaa bilisaan akka dhiyaatu taasifamuu himaniiru.

Qonnaan bulaan gatii dadhabbii isaaf maluu akka argatuuf gatii ka’umsaa kaa’amee, hojiirraa oolaa jiraachuu ibsanii, burjaajiin faddaaltota garaagaraan umamaa jirus, hawaasaaf hubannoon umamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dursaan Garee Gabaa Eejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Tashitee Gammaadaa gama isaaniin, qindoominni cimaan, sadarkaa oliirraa hanga gadiitti jiraatus, darbee darbee seeraan ala mana-manarraa naanna’uun oomisha bituun mul’atus, qindoominaan karaa koree hundaa’een hojiin ittisuu hojjtamuu himaniiru.

Waldaaleen bu’uuraa miseensota isaaniirraa fuudhuun waldaalee hojii gamtaaf akka dhiyeessan, achiis, yuuniyaniitti fuuncaa isaa eeggatee waan akka dhiyaatu seeraa alummaan daldalaa midhaanii akka hojii gamtaatti hinjiraatu jedhan.

Daldali seeraan alaa fi kontirobaandiin midhaanii fuuncaa gabaa midhaanii waldaalee hoii gamtaa keessatti kan hinmul’annee ta’uu fi kunis, ittisa daldala seeraan alaaf gahee olaanaa bahachuu kaasaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment