Konkolaattota elektirikaaf humna dhiyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Humni Elektirikii Ityoophiyaa konkolaattota elektirikiif humna dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibse.

Hoji Gaggeessaan Koorporeet Pilaaniingii Humni Elektirikii Ityoophiyaa Obbo Andu’aalam Si’aa, mootummaan konkolaattota humna elektirikiin socho’an biyya keessa galchuun fayyadama boba’aa hir’isuuf tattaaffii eegale tumsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan karoorri konkolaattotaaf humna amansiisaa dhiyeessuu akka qophaa’e ibsuu ragaan Humni Elektirikii Ityoophiyaa argame ni mul’isa.

Dhiyeessii humna elektirikiin walqabatee Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, ogeeyyii teekinikaa dhaabbilee lameenirraa walitti baba’an hundeessuun hojiitti seenamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment