Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC) – Hojiin Konkolaattota Boba’aa yeroo dheeraaf tajaajilan kan Elektirikaan bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalichatti Konkolaattoonni moofaan Boba’aan hojjetan gadi lakkifama Kaarbaniif sababa olaanaa ta’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Geejjiba Magaalaa Finfinnee Yaabibaal Addis dubbataniiru.
Konkolaattota kanneen kan Elektirikaan bakka buusuuf Mootummaa Federaalaas ta’ee bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa Konkolaattonni Humna Elektirikaan socho’an heddumminaan tajaajila kennuu eegaluu himaniiru.
Balaa Konkolaataa hir’isuu fi nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojiin Geejjiba Motar maleeyyii guddisuu barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Biirichi fedhii Geejjiba hawaasa magaalichaa guutuuf, akkasumas dhiphina Tiraafikaa har’isuuf Awutoobisootaa fi Tajaajila Geejjiba Baaburaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.