Konkolaattoonni miila lamaa lakkoofsa gabatee naannoolee qaban gara Finfinnee akka hin seenne murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Biiroon Geejjiba magaalaa Finfinnee Konkolaattoonni miila lamaa lakkoofsa gabatee naannoolee qaban gara Finfinnee akka hin seenne murteesse.
 
Hogganaan Biiroo Geejjiba magaalaa Finfinnee obbo Sixootaaw Akaalaa ibsa laataniin, Konkolaattoonni miila lamaa lakkoofsa gabatee Finfinnee qabaniin ala kanneen biroo magaalicha keessa socho’uu hin danda’an jedhan.
 
Argannoo qorannoo ammaan duraan konkolaattoonni miila lamaa lakkoofsa gabatee naannoolee maxxaffatan yakka salphaa hanga yakka olaanaatti yeroo raawwatan muul’ataniiru jedhan.
 
Dhiphina geejjibaa magaalicha keessatti muul’atu daheeffachuun yakkoonni raawwataman babal’achuun murtee kanaaf sababa ta’uu ibsaniiru.
 
Torbeewwan lamaan darban keessa konkolaattoonni miila lamaa lakkoofsa gabatee naannoolee maxxafatan hedduun too’annoo jala ooluu himaniiru.
 
Kana dura magaalicha keessa motaroota kuma 15 oltu socho’aa ture kan jedhan obbo Sixootaw, yeroo ammaa seera hordofuun eeyyama kan argatan kuma 3 fi 600 kan hin caalle ta’uu eeraniiru.
 
Kunneenis ulaagaalee seeraa guutuun Abbaa Taayitaa Geejjibirraa eeyyama fudhachuun waldaalee 56 jalatti gurmaa’uun hojiirratti bobba’uu isaanii himaniiru.
 
Kanneen hafan lakkoofsi gabatee isaanii seera qabeessa kan hin taanee, beekkamtii kan hin qabane,seeraan ala waan turaniif gara hojiitti galchuun hin danda’amne jedhan.
 
Ammaan booda magaalichatti konkolaattoota miila lamaa Koodii 2 fi Koodii 3f eeyyamni kan hin laatamne ta’u hubachiisaaniiru.
 
Zufaan Kaasaahuuntu gabaase
Comments (0)
Add Comment