Konkolaattonni koomishinichaa deeggarsa fe’an Maqalee ga’an

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC)–Konkolaattonni Koomishinara Olaanaa Dhimma Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa fe’an Maqalee ga’uu dhaabbatichi beeksise.

Komishinichi gama Tiwiitaraan akka beeksisetti, deeggarsa lubbuu baraarsaa dabalatee, qorichoota, meeshaalee manneen manca’anii fi miidhaman deebisanii ijaaruuf tajaajilaan akkasumas meeshaalee lammiilee miidhaman wal’aanuuf gargaaraan kan fe’an ta’uu beeksiseera.

Deeggarsoonni dabalataas geejjibsiifamaa jiraachuu dhaabbatichi eereera.

Gama biraatiin, Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii Dhaabbataa Mootummoot Gamtoomanii (UNICEF) waliigaltee nageenyaa gaggeeffameen booda deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiin ga’uu beeksiseera.

Deeggarsi namoomaa dhaabbatichi naannichaan ga’ees daa’immanii fi dubartootaaf murteessa ta’uu ibseera.

Naannolee Afaarii fi Amaaraa naannawa walitti bu’iinsaan miidhamanitti deeggarsi namoomaa biroon waliin ga’uuf kan hojjetu ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment