Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an gara Tigiraayitti imalaa jiraachuu Daayrektarri Sagaantaa  Nyaata Addunyaa beeksisan.

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an hedduun gara Tigiraayitti imalaa jiraachuu Sagaantaa  Nyaata Addunyaa beeksise.

Daariktarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Bisleey fuula tiwiitaraa isaaniin akka eeranitti, lammiilee Naannoo Tigraay rakkoo keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa taasifamu cimee itti fufeera.

Haaluma, kanaan konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an hedduun gara Maqalee imalaa jiraachuu daayrektarichi ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa garasitti imaalchiifamaa jiruun baatiiwwan darbanitti lammiilee deeggarsa gahaa hinargannee akka dhaqqabuuf kan garagaru ta’uu eeraniiru.

Adeemsaa kana keessatti walta’iinsi hooggantoota mootummaa jajjabeessa ta’uu kaasanii, lammiilee Tigiraayi keessaa baraaruuf hojiileen hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment