Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 guyyaa har’aa Maqalee ga’aniiru

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC)- Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 guyyaa har’aa Maqalee ga’uu Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiseera.

Deeggarsichi man-kuusaa magaalaa Maqaleetti argamu keessatti galchamaa jiraachuu dhaabbatichi ibseera.

Deeggarsa namoomaa meetrik toonii kuma dhibba 2 dabalataan konkolaattonni boba’aa fe’an 5 magaalicha ga’uu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa Sanbata darbe Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 marsaa 3ffaaf karaa Abi’aalaan gara Maqalee imaluu ibsuun isaa kan yaadatamudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment