Konkolaattonni baajajii walitti bu’uun balaa tiraafikaa qaqqabsiisaniin lubbuun nama 1 darbe

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Habrootti konkolaattonni baajajiin walitti bu’uun balaa tiraafikaa qaqqabsiisaniin lubbuu nama 1 yoo darbu, namoota 9 irraa miidhaan qaama gaheera.

Ka’umsi balichaas konkolachistonni baajajii gahumsa malee oofaa turuu fi  eeyyama konkolaachisaa malee oofaa kan turan ta’uu himameera.

Baajajiin ‘’TVS’’ Aanaa Daaroo Labuurraa imaltoota fe’ee gara Magaalaa Balballeettiiti jedhamtutti imalaa osoo jiruu, Baajaajii ‘’Force’’ waliin bakka Odaa Saaraa jedhamutti walitti bu’uun balicha qaqqabsiisuu ragaan kominikeeshinii aanaa Habroorraa argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment