Konkolaataan boba’aa fe’ee ABUTtiif dabarsuuf ture to’atame

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Konkolaataan fe’umsaa boba’aa fe’ee adda waraanaa ABUT banetti dabarsuuf ture to’atamuu Raayyaan Ittisaa  beeksiise.

Konkolaatichi boba’aa Naafxaa liitira kuma 3 fi Beenziina liitira kuma 2 Magaalaa Samaraarraa fe’uun imalaa ture Kaalwaan irratti to’atamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Waraana gareen ABUT biyyarratti labse qolachuuf wayita hojjetamaa jirutti boba’aan karaa seeraan alaa garichaaf darbuuf ture to’atamuu ibsameera.

Yeroo itti aanuus meeshaalee karaa seeraan alaa garichaaf darbuu danda’u ittisuuf hawaasa waliin kan hojjetamu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment