Konkolaachistoonnii fi Abbootiin qabeenyaa Baajaajii Laga Xaafoo Laga Daadhii Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Konkolaachistoonnii fi Abbootiin qabeenyaa Baajaajii bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Konkolaachistoonnii fi Abbootiin qabeenyaa Baajaajii magaalichaa 233 ol ta’an Raayyaa Ittisa Biyyaa dirqamarra jiruuf dhiiga arjoomuu isaanii Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Geejjibaa magaalichaa obbo Tafarraa Damissee ibsaniiru.

Qaamoleen kunneen dhiignii fi maallaqni keenya biyya hin caalu jechuun hojii isaanii dhaabuun dhiiga arjoomuusaanii himaniiru.

Waldaan baajaajii tokko Birrii Kuma 70 ol, dhuunfaan ammoo Birrii 500 hanga kuma 1 Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment