Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Konkolaachiftoonni magaalaa Shaashamannee hanqinni dhiyeessii Boba’a Beenzilaa hojii isaanirratti dhiibba guddaa uumaa jiraachuu komii dhiyeessan.
Boba’aa Beenzilaa waraabbachuuf yeroo dheeraa hiriiratti kan dabarsan ta’uu ibsaniiru.
Buufataaleen boba’aa boba’a dhoksuun boba’aan akka hin jirre fakkeessuun halkan karaa seeran alaa gurgurachaa jiraachuu himaniiru.
Sababa yeroo isaanii hedduu barbaacha boba’aatti dabarsaniif rakkoo diinagdee hamaaf saaxilamaa jiraachuu konkolaachiftoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Dhimmichi fooyya’a jedhamee eeggamaa turus caalmaatti hammaachaa dhufuu kaasaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalichaa obbo Balaay Ogatoo Burqaan rakkoo uumame furuuf qaamalee nageenyaa fi kanneen dhimmichi ilaallatu waliin hordoffii fi too’annoon taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jibriil Huseenii fi Biqilaa Tufaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.