Konfirensiin Waloo Nageenyaafi Misoomaa Oromiyaafi Gaambeellaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Konfirensiin Waloo Nageenyaafi Misoomaa naannolee Oromiyaafi Gaambeellaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Konfiransichi hariiroo uummataa naannolee lameenii itti fufsiisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Waltajjii marii kanarratti hoggantoonniifi kutaaleen hawaasaa godinaaleefi aanaalee naannawaa daangaa naannolee lameenii hirmaachaa jiraachuu eerameera.

Hogganaan Qindeessa Waajjira Nageenyaafi Misooma Waloo naannolee Oromiyaa, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz obbo Firoomsaa Salamoon, kaayyoon waltajjichaa hariiroo hawaasummaafi diinagdee uummanni naannolee lameenii qaban cimsuun duudhaalee waliin jireenyaafi obbolummaa guddisuuf ta’uu ibsaniiru.

Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Gaambeellaa aadde Tihuut Hawaariyaat gamasaaniin, Gambeellaan naannoo sabaafi sablamoonni hundi wal kabajuun waliin keessa jiraatan ta’uu eeruun, tokkummaan uummattoota cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.

Waltajjichaan naannoleen lameen sanada tumsa misoomaa waloo waliif ni mallatteessuun kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannoo Gambeellaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment