“Nageenyi bu’uuraa waan hundaati; bu’uurri nageenyaa ammoo nama” Obbo Binnaalfi Anduwaalem

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) –  “Nageenyi bu’uuraa waan hundaati; bu’uurri nageenyaa ammoo nama” jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduwaalem.

Konfiransiin nageenyaa biyyaalessaa mata duree “Amantaan nageenyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduwaalem  koonfiraansii kanarratti haasawaa taasisaaniin, nageenyi bu’uuraa waan hunda akkuma ta’ee namnii ammo bu’uura nageenyaa ta’uu eeran.

Namni uumaa waliin yoo araarame ofii isaa waliinis ni araarama jedhanii, ofiisaatti yoo araarame kanneen biro waliin waliigaluu akka danda’u himaniiru.

Laggeen, haroowwan, burqaaleen maqaan gargaraa qabaatanis hunduu bishaan waan of keessaa qabu jedhanii, dhaabbileen amantaa garagara ta’anis keessoon isaanii jalaalaa fi nageenyaa kan qabuudha himaniiru.

Barreessan Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Luba Taagaay Taaddalaa gama isaaniin, amantaan Kiristaanaa ta’e Islaamaas jaalaalaa fi nageenya dhala namaa barsiisuu ibsan.

Ta’us, gochaaleen dhaabbilee amantaa da’effatanii raawwataman, duudhaalee amantaa kan kan hintaaneedha jedhanii, humnoonni dhaabbilee amantaa keessa harka galfatan harkasaanii kaasuu qabu jedhaniiru.

Konfiransichi qindoomina Ministeera Nageenyaa fi Yaa’ii dhaabbilee Amantaan kan qophaa’e yoo ta’u, waraqaaleen qorannoo amantaa fi nageenya Ityoophiyaatti akkasumas hariiroo fi tumsa amantaa fi mootummaa jedhan mariif dhiyaataniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment