Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Konfiransiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa magaalaa Bahirdaariitti gaggeeffamaa jira.
Konfiransiin kun mata duree “Waadaa gochaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun taa’amaa jira.
Raawwii hojii waggootta lamaa fi walakkaa darban keessa hojjetaman irratti marii ni taasiisa jedhame.
Pireezidaantii naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaay dabalatee hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa sadarkaa adda addaarratti argaman konfiransicharratti hirmaachaa jiraachuu ragaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia