Konfiransiin biyyaalessaa Kantiibotaa fi abbootii qabeenyaa  magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Konfiransiin biyyaalessaa Kantiibotaa fi abbootii qabeenyaa damee dhuunfaa mata duree “ magaalota rakkoolee dandamatan, gocha Intarpirinarshiippiin deeggarame kaka’umsaa fi guddina magaalotaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Konfiransicharratti Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaa dabalatee kantiibonni magaalotaa fi hoggantoonni damee dhuunfaa hirmaachaa jiru.

Konfiransicha Manni Maree Daldalaa fi Sektaraalee Ityoophiyaa, Manni Maree Daldalaa fi Indaastirii Paan Afrikaa fi qaamoleen biroo waloon qopheessuu ibsameera.

Minyichil Azzazawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment