Konfaraansiin qorannoo jalqabaa naannoo Sumaalee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC)- Konfaraansiin qorannoo jalqabaa naannoo Sumaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.
Yuunvarsiitii Jigjigaa fi mootummaa naannichaan kan qophaa’e konfaraansichi har’a xumurama.
Konfaraansicharratti itti aanaan preezdaantii Sumaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo, hayyoonni Jigjigaa Yuunvarsiitii fi hayyonni yuunvarsiitii biyyoota addunyaa garagaraa fi naannichaa hirmaataniiru.
Konfaraansichi bulchiinsa siyaasaa, hawaasummaa fi demookiraasiin jijjiirramoota Ityoophiyaatti dhufan mirkaneesuuf dhimmoota ijoo naannichaarratti mari’achuuf kan kaayyeeffatedha.
Konfaraansicharratti bareeffamoonni qorannoo garagaraa dhiyachuun irratti mari’atamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment