Konfiraansiin dargaggootaa gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) –Qindeessummaa Biiroo dargaggoo fi Ispoortii Oromiiyaan Konfiraansiin gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansichi mata duree ‘dargaggoonni Anniisaa jijjiiramaa, Utubaa biyyaa fi Abdii Egeree’ jedhuun gandoota Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansiin dargaggoota 14ffaan kun sadarkaa gandaatti geggeeffamuu kun hanga sadarkaa naannootti kan itti fufu yoo tahu, Konfaransii kanarrattis dargaggootni miiliyoonni afurii ol irratti ni hirmaatu jedhame.

Konfiraansii kanaan cinaatt hojiin gurmaa’insa dargaggootaa sadarkaa hundaan jiru cimsu kan hojjatamu tahuu ragaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment