Komishinoonni lameen hojiilee isaanii Komishinii Marii Biyyaalessaatti dabarsanii laatan

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Komishiniin Bulchiinsa Daangaa fi Dhimmoota Eenyummaa fi Komishiniin Araaraa  hojiilee isaanii Komishinii Marii Biyyaalessaatti dabarsanii laataniiru.

Komishinoonni kunneen hojiilee fi sanadoota isaanii bakka Afyaa’onni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Federeeshinii argamanitti Komishinii Marii Biyyaalessaatti dabarsanii laachuu ibsameera.

Komishinoonni lameen rakkoolee hedduu keessa darbuu fi hordoffii fi deeggarsi ga’aan osoo taasifameefi hojiilee isaanii caalmaatti hojjechuu kan danda’an ta’uu Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo yaadachiisaniiru.

Haa ta’uutii adeemsa isaan keessa darbanirraa barnoota fudhachuun Komishinii Marii Biyyaalessaaf hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa taasisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Biyya itti fufsiisuu fi dhaabuuf waliin mari’achuunii fi murtoo uummanni kennu qaamoleen hundi fudhachuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment