Komishiniin Gumruukaa lammiilee Godina Goofaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) –Komishiniin Gumruukaa lammiilee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa Sigiga lafaan miidhaan irra qaqqabeef  deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 14 olitti tilmaamamuu taasiseera.

Komishinarri Komishinichaa Dabalee Qaabataan, lammiilee Godina Goofaatti sababa sigiga lafaan lubbuun darbeef gadda itti dhaga’ame ibsuun deeggarsicha kennaniiru.

Komishinichi deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 8.6tti tilmaamamuu fi maallaqaa callaa miiliyoona 5.4 taasisuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannicharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment