Komishiniin waloo Ityoo Raashiyaa waliigalteewwan biyyoonni lameen irra ga’an sadarkaa irra jiru gamaggame

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC)-Mootummaan Ityoophiyaa fi Raashiyaa komishinii waloo waligalteewwan biyyoonni lameen irra ga’an sadarkaan irra jiru gamaggameera.

Hoggantoonni Komishiiniin waloo kunneen diinagdeerratti, Saayinsii, teeknikii fi dhimmoota daldalaa irratti mari’ataniiru.

Ministirrii Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa fi Raashiyaatti itti aanaa Ministira Ministeeraa Federeshiinii Qabeenya Umaamaa fi dhimmoota naannoo fi hogganaan Eejansii Qabeenyaa Albuudaa Federaalaa Evaagnii Kiisaalv viidiyoo konfiraansiin mari’ataniiru.

 

Ministiroonni lamaan bara Faranjoota Onkolooleessa 2019 irratti hooggantoonni biyyoota lamaanii Raashiyaatti dhimmota ‘Seent Pitaarsibarg’ walii galan sadarkaan irra jiru gamaggamaniiru.

Komiishinichii hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf shooraa olaanaa qabachuus ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment