Komishiniin Sodaa balaa Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa uumameen  namoota kuma 7 fi 800 buqqa’aniif deeggarsa taasise

 

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) –Komishiniin Sodaa balaa Biyyaalessaa rakkoo nageenyaa uumameen  namoota kuma 7 fi 800 buqqa’aniif deeggarsa taasise.

 

Itti aanaan komishinichaa obbo Daammanaa Darootaa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaatti tibbana uumameen lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisaa jira jedhe.

 

Qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun lammiilee kuma 10 ta’aniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

 

Rooba gannaa waliin walqabatee balaan akka hin uumamneef ofeeggannoo dursaa raawwachaa jiraachuus ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment