Komishiniin Poolisii Federaala garee ijaarame tokko 20f jedhu qorannoon argachuu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) –Komishiniin Poolisii Federaala garee ABUT fi ABO shanee irraa ergama badii fudhachun garee ijaarame tokko 20f jedhu qorannoon argachuu beeksiseera.
Komishinichi odeeffannoo aragadhe jedhu kana kan ibse wayita galmeen qorannoo Meejar jeneraala Gabra Madihin Fiqaaduu shakkamtoota 7 fi Birgaader jeneraal Aligaaz Gabree shakkamtoota 4 waliin mana murtiitti dhiyaatedha.
Shakkamtoonni hoggantoota ABO shanee waliin hariiroo qabaachuu ragooleen jecha isaanii laataniiru.
Gama biroon Birgaader jeneraal Aligaaz Gabree hojiiwwan qorannoo adeemsifamuu ibsameera.
Galmeewwan qorannoo lamaanin magaalaa Finfinnee keessatti ajandaa badii kan tarkaanfachiisanii fi garee tokko 20f jedhuun hundaa’e keessatti shakkamtoonni 11 hirmaanna qabaachuu poolisiin dhaddachaaf ibseera.
Galmeewwan qorannoo lamaaniirratti shakkamtoonni argaman mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.
Dhaddachi falmii bitaa fi mirgaa gaggeessu Meejar jeneraala Gabra Madihin Fiqaaduufarratti ajaja laachuuf guyyaa boruu Muddee 1, 2013 beellama yoo kennu, galmee Birgaader jeneraal Aligaaz Gabreeffaa irratti poolisiin guyyaa 14 gaafateen guyyaa 12 eeyyameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment