Komishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa DhMG’f xalayaa barreesse

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Komishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa preezdaantii Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii Naazaat Kaan, miseensoota mana mariichaaf akkasumas Komishinaara Olaanaa Komishinii Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Meeshiil Bacheeleef  xalayaa barreesseera.

Komishinichi xalayaa barreesseen, kutaa kaabaa biyyattitti bara Faranjoota Sadaasa 3, 2021 dhiibbaa mirgoota namoomaa raawwatamaan qaama biraan irra deebiin akka qulqulla’uu gochuuf Mana Maree Mirgoota Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Komishinii Mirgoota Namooma Ityoophiyaa qorannoo waloon gaggeessanii beekkamtii dhabsiisuudha jedhameera.

Komishinichi qorannoo taasiisee miidhaa gabaasa isaan dhiyeessee qaama biraan irra deebi’uu fi adeemsa isaa bodaatti harkifachiisuurra bu’uura gabaasa qorannoon duraan ba’een miidhamtoonni akka dandamataan, bakka buqqa’aniitti akka deebi’an akkasumas qaamoleen yakkicha raawwataan akka itti gaafatamaan taasisuutu irra ture jedha xalayyiichi.

Maddi:-Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment