Komishiniin Mirga namoomaa Ityoophiyaa Godina Matakkalitti lammiileen nagaa miidhamuu beeksise

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Mootummaan nageenya lammiilee mirkaneessuuf hojii duraa taasisee hojjechuu akka qabu Komishiniin Mirga namoomaa Ityoophiyaa hubachiiseera.

Komishinichi ibsa har’a baaseen naannoo Beenishaanguul Guumuuz Godina Matakkal aanaa Bulanii ganda Kujjiitti Muddee 13, 2013 halkan keessaa naannoo sa’aatii 10:00 qaama hin beekkamneen haleellaa raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa 100 olii darbuu ibseera.

Lammiileen kunneen wayita rafaa jiranitti dhukaasni irratti banamu himeera.

Aanaa Bulanii ganda Kujjii keessa dhalattoonni Shiinaashaa, Oromoo fi Amhaaraa hedduminaan keessa jiraatu jedhame.

Hanga Komishinitti haala ture qulqulleessetti namoonni 36 miidhaan irra qaqqabe Hospitaalaa Bulaniitti yaalli taasiifamaafii jiraachuu eerrameera.

Jiraattoonni aanaa Dibaaxxee sodaa nageenyaaf Muddee 14, 2013 eegalee qa’ee fi qabeenya isaanii gatuun baqataa jiraachuu komishinich ibseera.

Qaamoleen nagenyaa itti dhiyeenyaan naannicha eeguuf ramadaman Muddee 13, 2013 eeggumsa aanga’oota federaalaa fi naannoof jecha naannicha gadi dhiisanii ba’uu komishinichi mirkaneessera.

Lammiilee nagaa ajjeeffaman keessaa harki caalu dhalattoota Shinaashaa ta’uu komishinichi mirkaneessara.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment