Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa sagantaa yeroo raawwii hojiiwwan fuulduree ifoomseera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa raawwii hojii fi karoora hojii Mana Maree Bakka Bu’ootaaf dhiheesseera.
Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfiin Ar’ayaa akka jedhanitti, qophiileen mariichi akka gaggeeffamuuf barbaachisan qophaa’aa turuu yaadachiisan.
Haaluma kanaan hanga baatii Muddee bara 2015’tti sirna hojmaataa diriirsuu, baatiiwwan Amajjii fi Guraandhalaa, ajandaa walitti qabuu, baatii Guraandhalaa fi Bitootessaa 2015tti ajandaa marii xumuruu akkasumas baatii Bitootessaa 2015 mariiwwan biyyaalessaa ni gaggeeffamu jedhaniiru.
Adeemsa mariichaan hirmaattota adda baasuu fi sirna ajandaa walitti qabuu, sadarkaa naannoo, bulchiinsa magaalotaa, federaalaa fi diyaasporaan kallattiwwan xiyyeeffannoo adda baafaman afuriin sirna raawwii akka hordofamu ibsaniiru.
Hirmaattonni, gaggeessitoota siyaasaa, bakka bu’oota kutaalee hawaasaa yoo ta’an, hojiiwwan qorannoo gaggeessuu fi hojiilee walitti qabuu, ergaa karaa Iimeelii, poostaa fi qaamaan, ajandaan mariiwwan ummataa walitti qabuu fi qindeessuu ni gaggeeffamus jedhaniiru.
Marii kanaan kutaaleen hawaasaa hundi hirmaannaa fi fudhatama walqixa qabaatu jedhameera.
Baatiiwwan Sadaasaa hanga Amajjiitti mariisistootaanni fi haala mijeessitoonni akka adda baafaman eerameera.
Akkasumas baatii Bitootessaa 2015 marii biyyaalessaa akka eegalamu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.