Komishiniin Marii Biyyaalessaa, Itiyoophiyaatti Jila Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa, Itiyoophiyaatti Jila Gamtaa Awurooppaa waliin dhimmoota waaqtawaarratti mari’ateera.

Marii isaaniin, adeemsa marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jirurratti Komishinaroonni Komishinichaa ibsa kennaniiru.

Jilli Awurooppaa kunneen, adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisifachuun, Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa hammattoo walta’iinsaa qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Fuuldurattis komishinichi Gamtaa Awurooppaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu ragaan Komishinicharra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment