Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Walta’iinsa hojii uumtotaa fi abbootii qabeenyaan kan hundeeffame Fooramiin Misoomaa fi Nageenyaa akkasumaas, Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.
Sagnaticharratti Pirezidaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Muummeen Ministiraa Duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyi, Walitti Qabaan Koomishinii Marii Biyyaalessaa Dooktar Masfiin Ar’ayaa fi hojjettoonni koomishinichaa hirmaataniiru.
Sagantaan biqiltuu dhaabuu, mata duree “Kottaa nageenyaa, araara, guddina, oboleettummaa, obboleessummaa haa bu’uuressinu; kottaa haa mari’annu” jedhuun gaggeeffameera.
Walitti Qabaan Boordii Fooramii Misoomaa fi Nageenyaa Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, biyyaattiif nageenyii fi misoomni magariisaa dhimmoota murteessoodha jedhan.
Waan ta’eef, Ityoophiyaanonnii nageenyaaf hojjechuu qabu ibsan.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baranaa mata duree “Ashaaraa keenyaa dhalootaa keenyaaf” jedhuun akka biyyaalessaatti gaggeeffamaa jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.