Komishiniin ispoortii Finfinnee ijaarsi dirree ispoortii Afincoo Barrii baasii Birrii miiliyoona 14n eeggalchiise

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) –Komishiniin ispoortii Finfinnee ijaarsi dirree ispoortii Afincoo Barrii baasii Birrii miiliyoona 14n eeggalchiise.

Komishiniin ispoortii Finfinnee ijaarsi dirree ispoortii kutaa magaalaa Araadaa Aanaa 5 Afincoo Barriitti baasii Birrii miiliyoona 14n eeggalchiiseera.

Ijaarsi isaa baatii 4 keessatti kan xumuramu ta’a jedhameera.

Dirreen ispoortii kun dirree tapha feestivaalaa, dirree teenisii, shaawarii fi kaafteeriyaa kan qabudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment