Komishiniin Ispoortii FDRI Geezeexeessitoota Ispoortiif leenjii hubannoo cimsuu laataa jira

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Komishiniin Ispoortii FDRI Waajjira Farra Si’eessituu Biyyaaleessaa fi Waldaa Geezeexeessitoota Ispoortii waliin ta’uun Geezeexeessitoota Ispoortiif leenjii hubannoo cimsuu Adaamaatti laataa jira.
Waltajjichaarratti Komishinarri Komishinii Ispoortii FDRI obbo Eeliyaas Shukurii dabalatee hoggantoonni olaanoon Komishinichaa, Daayreektarri olaanaan Waajjira Farra Si’eessituu Biyyaaleessaa fi Waldaan Gaazeexeessitoota Ispoortii hirmaachaa jiru.
Waltajjiin hubannoo uumuu kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, guyyaa har’aa karoorri waggaa 10 Komishinichaa dhiyaachuun irratti ni mari’atama jedhame.
Guyyaa boruu wayita gabaasa Ispoortii namuusaa ogeeyyii miidiyaa damichaarraa eegamu ilaalchisee barreeffamni dhiyaachuun mariin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii Ispoortii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment