Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Komishiniin Gumuruukaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 28 taasiseera.
Komishinichi deeggarsa akaakuu Birrii Miiliyoona 8 fi Deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasisuu ibsameera.
Komishinarri Komishinii Gumuruukaa Dabalee Qaabataan deeggarsi gama maraa komishinichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Jalqabbii duula birmadummaarraa eegalee hanga yoonaatti koomishinichi deeggarsa Birrii miiliyoona 78 fi kuma dhibba 5 fi deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 60tti shallagamu taasisuu kaasaniiru.
Deeggarsicha kan fuudhan Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Luuwiiji gamasaaniin, deeggarsi gama maraa uummanni Ityoophiyaa Rayyaa Ittisa Biyyaaf taasise injifannoo yeroo ammaa argameef qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Uummanni deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.