Komishiniin Gumurukaa raawwii karoora 2013 fi baajata 2014 irratti marii taasisaa jira

Finfinnee, Hagayya 1, 2013 (FBC)- Komishiniin Gumurukaa Federaalaa raawwii karoora 2013 fi baajata 2014 irratti magaalaa Hawaasaatti marii taasisaa jira.

Waltajjicharratti komishinarri komishinichaa obbo Dabalaa Qaabataa, itti aantoonni komishinaroota, daayreektaroonni, hojii gaggeessitoonnii fi itti aantoonni waajjiralee damee argamaniiru.

Komishinichii bara baajata 2013tti Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 25 argachuuf karoorsee Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 12.4 argachuu danda’eera.

Raawwiin karoorichaas %89 ta’uu ibsameera.

Maqdaas Asfaawtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment