Komishiniin Gumruukaa baatiiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 103 walitti qabuu ibsame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Komishiniin Gumruukaa baatiiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 103 walitti qabuu ibsameera.

Galichi kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu % 23 caalmaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Komishinichi raawwii karoora hojii baatiiwwan darbanii gamaaggameera.

Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, hojiimaata teeknooloojiin deeggaruu fi ammayyeessuu akkasumas hojiilee to’annoo ammayyeessuunii fi tajaajila si’ataa kennuuf baatiiwwan 9 darbanitti xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu Komishinichatti Ittaanaan Komishinaraa damee Seeraa obbo Muluugeetaa Bayyanaa ibsaniiru.

Meeshaalee kontroobaandii alaa galanii fi al-ergiirraa Birrii biiliyoonni 3.5tti dhiyaatu to’atamuus kaasuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment