Komishiniin Gumrukaa fi Yuunvarsiitiin Finfinnee waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Komishiniin Gumrukaa fi Yuunvarsiitiin Finfinnee waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.
Komishinarri Komishinii Gumrukaa obbo Dabalee Qaabataa fi Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Xaasaw Waldahaannaa walii galticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi daldalli al ergii fi alaa galu Teeknooloojii ammayyaan deeggarame, si’ataa fi haqa qabeessa akka ta’uu fi beekkumsaarratti hundaa’een durfamu taasiisuuf gumaacha qabaachuu obbo Dabalee Qaabataan ibsaniiru.
Misooma qabeenya namaa, qorannoo fi qoo’annoo, akkasumas hojmaata Gumrukaa ammayyeessuf waliigalteen dhaabbilee lamaan gidduutti taasiifame faayidaa olaanaa qabaachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Waldahaannaan himaniiru.
Teeknooloojii haaraa uumuu fi walitti dhiyeenyaan hojjechuuf caalmaatti kan gargaaru ta’uu eeruu isaanii ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni muul’isa.
Komishinichi Abbaa Taayitaa qorannoo fi eeggumsa hambaalee, waldaalee ogummaa daddabarsa Gumrukaa Ityoophiyaa fi Waldaalee Ergitoota Dubartoota Ityoophiyaa waliin sanada waliigaltee mallatteesseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment