Komishinichi Yunivarsiitawwan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Yunivarsiitiiwwan mootummaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Aariyaa fi Pireezindaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasaw Waldahaannaan Yunivarsiitiwwan mootummaa bakka bu’uun waliigalticha mallatteessaniiru.

Komishinichi Yunivarsiitiiwwan mootummaa magaloota gurguddoo naannoleetti argaman keessatti waajjira banuuf waliigaltee dandeessisu mallatteessuu Piroofeesar Masfin ibsaniiru.

Yunivarsiitiiwwan mootummaa biyyattiitti argaman 44 hunda keessattu komishinichi waajjira kan banu ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi Yunivarsiitiiwwan waliin tumsaan hojjechuuf waliigaluun isaa ergama hundaa’eef milkeessuuf kan gargaaru ta’uu Pireezindaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasaw dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment