Komishinichi wayita Irreechaatti balaan akka hinuumamneef qophii gahaa taasisuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee, Irreecha boru Finfinneetti kabajamu balaa tokko malee akka xumuramuuf qophii barbaachisaa taasisu beeksise.

Haaluma kanaan naannawaa ayyaanichi kabajamuttii baay’inaa ummaatiin waldhiibuu mudatuu fi rakkoo fayyaa biroo mudachuu danda’aniif deebii hatattamaa kennuuf Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee waliin walta’iinsaan hojechaa jiraachuu eereera.

Naannawichatti tajaajiloota ambulaansii, ogeeyyii fayyaa wal’aansa duraa kennaan akka bobbaasu ibsameera.

Gama biraatiin naannawaa ayyaanichatti garee ittisa balaa ibiddaa bobbaasuun deebii hatattamaa kennuuf kallattiiwwan sadiin eegumsa barbaachisaa taasisaa jiaraachuu eeruun, koomishinichi ayyaanichi nagaan akka kabajamuu qindeessistoota ayyaanichaa waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Balaawwan tasaa fi ibiddaa akkasumaas tajaajila ambulaansiif bilbila tolaa 939 yookaan 011-1-55-53-00’n beeksisuun tajaajila hatattamaa argachuun akka danda’amu ibsamuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment