Komishinichi sarbama mirga namoomaa naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwatame ilaalchisee qorannoo gaggeessee ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Komishiniin Mirga namoomaa Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa fi naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwatame ilaalchisee qorannoo gaggeessaa ture ifoomseera.

Seera Sarbama mirga namoomaa idil addunyaarratti qorannoo gaggeessaa ture ifoomseera.

Komisharri kominishinii mirgaa namooma Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan dhimmicha irratti ibsa laataniiru.

Qorannichi bu’aa gabaasa qorannoo Komishinichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjira mirga namoomaa idil addunyaa waliin waraana naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture ilaalchisee qorannoo waloon gaggeessaa turan irraa kan itti fufe ta’uu eerameera.

Weeraraa humnonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaariirratti raawwata turaniin sarbaamaa mirgaa namooma raawwachuun alaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa, manneen amanta buufataalee fayyaa, manneen barnootaa, dhaabbilee faayinaansii fi kanneen biroo gubataniiru jedhameera.

Dhiibbaa fi weerara garee ABUT raawwate ummata Oromoo Naannoo Amaaraa godina addaa magaalaa Kamisee fi Sanbaateerratti manca’aatti qabeenyaafi lubbuun namaa raawwatamuus himeera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment