Komishinichi naannoo Oromiyaatti bakka buutoota ummataa adeemsa ajandaa walitti qabuurratti hirmaatan filachaa jira

Finfinnee, Guraandhala 13, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa naannoo Oromiyaatti bakka buutoota ummataa adeemsa ajandaa walitti qabuurratti hirmaatan filachaa jiraachuu ibsameera.

Filannoo bakka buutootaa magaala Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaattoonni 600, Godina Shawaa Bahaa, Libaan Cuqalaa, Loomee, Mojoo, Fantallee, Booraa, Booset fi Aanaa Ada’aa keesaa walitti baba’an hirmaacha jiru.

Haaluma walfakkatuun, Guyyaa Boru Aqaaqii, Adaamaa, Gimbichuu, Adaamii Tulluu fi kutaalee Bulchiinsa magaalaa Adaamaa jalatti argamanitti kan gaggeeffamuu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment